Raashiyaan waraanni Yuukireen dafee akka xumuramu fedhii qabaachuu beeksisteetti.
Mooskoon fedhiiwwan ijoon guutamnaaniif, waraanichi akka xumuramu fedhii qabaachuu Dubbi Himaan Kireemiliin Dimitrii Peeskov himaniiru.
Kanarraan kan hafe Raashiyaan furmaata siyaasaafi nagaa waaressu kamiyyuu simachuuf qophii akka taate haa ibsan malee, milkaa’inni haal-dureewwan kaa’amanii ammumaan gaaffii keessa seenuu xiinxalameera.
Yuukireen meeshaa waraanaa ammayyaa hidhachuu akka hin qabne (Demilitarization), akkasumas ilaalcha Naazii irraa bilisa ta’uu (Denazification) akka hojiitti hiiktu barbaaduu Dubbi himaan kun dhaamaniiru.
Raashiyaan badii akka hin qabne peeskoov kaasuun, biyyootni Awurooppaa, Kiyeev akka waraanaan hin injifanne osoo beekanii jajjabeessaa akka jiran ibsaniiru.
Gama biraan, Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin Pirezidaantiin Raashiyaa Viladmiir Puutin “injifannoo sobaa himuun, haleellaawwan saayibariifi jiddu seentummaa filannoon Awurooppaa jeeqaa jiru” jechuun, olola oofuu irra kan darbe injifannoon dirree waraanaatti galmeessan akkan jirre ibsaa jiraachuu Anadolun gabaaseera.
Zeleniskiin Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu himuun akka isaan hin sodaannes ibsaniiru.
Hariiroon Tiraamp waliinii akka fooyya’uuf Mootiin Biriteeyin Chaarlis akka isaan deggaran garuu hin dhoksine.
Pireezidaantichi haleellaa hamaa bu’uuraalee misoomaa mancaase Mooskoon irratti taasifame hordofuun kana ibsuu isaanii kan gabaase ammo “The Guardian” dha.
Malkaamuu Abbabaatiin