Sirni Badhaasa Miidiyaa IGAD Finfinneetti adeemsifama

You are currently viewing Sirni Badhaasa Miidiyaa IGAD Finfinneetti adeemsifama

‎AMN PLUS- Sadaasa 8/2018

‎Sirni Badhaasa Miidiyaa IGAD Finfinneetti akka adeemsifamu dhaabbatichi beeksise.

‎IGAD Sirna Badhaasa Miidiyaa kana ALAtti Sadaasa 29fi Sadaasa 30 Bara 2025 torban lamaan dhufu keessa, Finfinnee, Hoteela Iskaay Laayititti akka adeemsisu beeksiseera.

‎Hojiilee miidiyaa jijjiirama qilleensaa qolachuu jalatti “naannawa tasgabbaa, damdamataafi mirkanaa’aa” uumuuf gaazexessitootaafi ogeessota fiilmii Gaafa Afriikaa gumaacha taasisaniif beekamtiin akka kennamu IGAD beeksiseera.

‎Sirni badhaasaa kun Mootummaa Itoophiyaa fi wal tahiinsa qaamolee biroon kan qophaa’e yoo ta’u, Sagantaawwan jajjaboo, yaadota gurguddaan qabaniifi naannawicha hojii fooyya’aaf onnachiisan akka keessumeeffaman eegama.

‎Madda: Seekireetariyaatii IGAD

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply