Kun seenaa Qonnaan bultootaa Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa Godina Guraagee Aanaa Abeshigeeti.
“Waggaatti yeroo afur oomishaa jirra” jedhu. Akkamiin?
Tibbana gareen Miidiyaa Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa daawwataa jiran qonnaan bultoota kanneen gaafataniiru.
Jalqaba waqtii gannaa boqqolloo facaasu, Boqqolloo irraa sassaabanii osoo hin turin oyiruu sanirratti shumburaa oomishu.
Itti aansaniis timaatimaa, achiis qullubbii jallisiin oomishaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan waggaatti waqtiiwwan mara oomishuun fayyadamuurra darbee, ooyiruu tokko irratti oomisha garaa garaa qotuun oomishni argataaa jiran dabaluun ibsaniiru.
Lafa heekatara tokko irraa gidduu galeessaan callaa kuntaala 90 argachaa jiraachuus ibsaniiru.
Waggaatti galii dabalataa birrii kuma 100 hanga kuma 200 kan argatan ta’uus eeraniiru.
Oomisha isaanitti sona dabalanii gabaa alaa fi biyya keessaaf bal’inaan dhiyeessuun abjuusaaniiti. Sana milkeessuuf ammoo kutannoon hojjetaa jiru.
Mata duree “Gargaaramtummaarrraa gara of danda’uutti” jedhuun Godina Guraageetti lafa tokkoyyuu habaguu akka hin bulleef hojiin qonnaa ooyiruu qonnaan bulaa, dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee amantaa keessatti adeemsifamaa jiraachuu Qajeelchi Qonnaa Godinichaa beeksiseera.
Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojii maaddii guutuu, horsiisa kanniisaa, kuduraalee fi fuduraalee irratti hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa Jiraachuu Bulchaa itti Aanaa fi Itti gaafatamaan Qajeelcha Qonnaa Godichaa obbo Abarraa Wandimmuu ibsaniiru.
Mangashaa Daargeetu gabaase