Ulaan Galaanaa gaaffii dhalootaati- Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa

Gaaffiin ulaa galaanaa dhimma buufata doonii qofa osoo hin taane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu akka ta’e Miseesonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa ibsan.

‎Aadde Laxiifaa Abbaa Tamaamifi Obbo Moggaa Abbaa Bulguu turtii AMN PLUS waliin taasisanin dhimmi ulaa galaana gaaffii buufata doonii qofa osoo hin taane  dhimma siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee akka ta’e ibsaniiru.

‎Ulaan galaanaa biyya addunyaa irraa guddoo taate, Itoophiyaaf baay’ee akka barbaachisu kan dubbatan Aadde Laxiifaan, “barbaaduu qofa osoo hin taane yeroon itti argachuu qabnullee amma” jedhaniiru.

‎Ulaan galaanaa Itoophiyaadhaafis ta’e Gaanfa Afrikaatiif dhimma jiraachuufi dhiisuu akka ta’e Obbo Moggaa Abbaa Bulguu ibsaniiru.

Ulaan galaanaa faayidaa diinagdeefi nageenya biyyaalessaa qabaachuu kan himan Obbo Moggaan, dhimmoonni buufata dooniifi buufata humna galaanaa wajjin wal qabatan murteessoo akka ta’an dubbataniiru.

‎Obbo Moggaan Ulaan galaanaa gaaffii dhalootaa ta’ee akka jiru eeruun, Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun Biyyoota Gaanfa Afrikaatti balaa guddaa kan fidu akka ta’e kan ibsan.

‎”Adeemsi ulaa galaanaa Itoophiyaan itti dhabde haqa qabeessaafi ifaa miti” kan jedhan, Aadde Laxiifaan mana keessatti xiiqii waan uumeef gaaffii sirriifi haqa qabeessadha jedhaniiru.

‎Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kunneen haqa ulaa galaanaa seeraa fi seenaan kan Itoophiyaa akka ta’e mirkaneessan kana gama dippiloomaasiiidil-addunyaan deebisiisuuf, mootummaan Ministira Muummee irraa hanga caasaa gaditti cimsee hojjechaa akka jiru ibsuun, lammiileen hunduu haqa ofiitif tumsa akka taasisan dhaamaniiru.                                                                         

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply