Giddugaloonni gabaa ammayyaa Finfinnee qaala’iinsa gabaa tasgabbeessa

You are currently viewing Giddugaloonni gabaa ammayyaa Finfinnee qaala’iinsa gabaa tasgabbeessa

AMN PLUS- Sadaasa 17/2018

Giddu galoonni gabaa Finfinneetti ijaaraman qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gaheen isaanii olaanaa ta’uu hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa dubbatan.

Hoggantoonni Giddugala gabaa Laaftoo daawwataan Yaada AMN PLUS’f kennaniin, giddu galoonni kunneen rakkoo hanqina dhiheessii Oomishaalee bu’uraa furaa jira jedhan.

Kana malees Giddu galoonni kunneen qonnaan bulaan kallattiin oomishaa isaa akka gabaatti dhiheessu, jiraattonni immoo gatii madaalawaan oomishaalee bu’uraa akka argatan taasisaa jira jedhaniiru.

Gabaa Finfinnee kan naannolee wajjiin walitti hidhuun Sirni daldalaa akka ammaayyaa’uu taasisaa jiraachuus himan.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply