Baankiin Daldala Itoophiyaa tajaajila liqii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota fayyadamoo taasisu ifoomseera.
Bakka Bu’aan Pirezidaantii Baankichaa Obbo Efireem Makuriyaa tajaajilli liqii haaraa ifoome liqii oomisha callaa, horsiisa beeyiladaafi kanneen biroo of keessatti kan qabate ta’uu dubbataniiru.
Tajaajila liqii oomisha kuduraafi muduraa, abaaboofi aannaniifi bu’aaleesaa tajaajilli liqii hammatu kun bittaa meeshaalee qonnaa ammayyaaf kan oolu ta’uus kaasaniiru.
Deetaan Ministiraa Ministeera Qonnaa Mallas Mokonnin (PhD) gamasaaniin, baankichi liqii makaanaayizeeshinii dabalatee deggarsa garagaraa damee qonnaaf taasisaa jiraachuu eeruun tajaajilli liqii haaraa ifoome bifa salphaa ta’een hawaasa kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.
Kunis fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf mijataa ta’uu dubbataniiru.
Baankiin Daldala Itoophiyaa kanaan duras dame qonnaaf tajaajila faayinaansii garagaraa dhiyeessaa akka ture yaadachiiseera.
Bulchaa Nagaraatu gabaase