Qarqarri laggeen Magaalaa Finfinnee duraan bakka sodaatamaafi yakki itti raawwatamaa ture amma mallattoo misoomaa fi nageenyaa akka ta’e Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Iddoowwan “Wubee Barahaa, Irrii Bakantuu fi Dooroo Manaqiyaa” jedhaman bal’ina hektaara 30’tti siqu qaban kanaan dura haala jireenya namaaf mijataa hin tur’e, har’a garuu haala gaariin misoomee akka jiru ibsaniiru.
Iddoowwan kunneen duraan garmalee balfaan xuraa’anii yakkii adda addaa itti raawwatamaa fi sodaatamaa turan har’a misooma giddu gala daawwannaa guddaa ta’aa akka jiran Kantiibaa Adaanech himaniiru.
Paarkii kana keessatti suuraawwan gootota biyyaa fi fardeen gootummaan ittiin argame dabalatee wantootni qabeenya mul’isan hedduun keessatti ijaaramuu isaanii kaasaniiru.

Sochiin paarkii kana keessatti taasifamu kamiyyuu teekinooloojii ammayyaatiin deeggaramee to’annoo kaameeraa jala akka jirus Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.
Itti dabaluunis, “Siidaawwan seenaa fi gootummaa akkasumaas gootota biyya keenyaa agarsiisan paarkii kana keessatti iddoowwan adda addaatti dhaabbatanii haala daawwannaaf toluun kan ijaaramanidha” jedhaniiru.
Misooma qarqara laggeenii kana keessatti duudhaalee seenaa Itoophiyaa yaadachiisuu fi beeksisuuf paarkii Bunaa hundeessuun bakki buna itti dhugamus akka ijaarame Kantiibaa Adaanech himaniiru.
Misooma qarqara laggeenii jedhamee haa moggaa’u malee ulaagaa Bulchiinsi Magaalaa kaa’een alatti babal’isuun misoomni kun akka hojjetame Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xilaahun Warquu ibsaniiru.
Haaluma kanaan, laga irraa haga kiiloo meetira walakkaa diriiruun misoomni kun akka hojjetames kaasaniiru.
Misooma qarqara laggeenii kana irratti riqichootni boca adda addaatiin akka magaalattiif miidhagina kennanitti hojjetamuus Obbo Xilaahun ibsaniiru.
Misooma kanneen keessatti iddoowwan daa’imman itti taphatan, deemsa miilaafi daandiin biskileettii irra oofan akka hojjetames himaniiru.
Qarqarri laggeenii Finfinnee miidhagina uffachuun iddoo sodaatamu osoo hin taane kan hawwiin daawwatamu ta’ee misoomfamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e