Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensichaa haala maqaa Itoophiyaa guddisee mul’isuun kabajama – Leet/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

You are currently viewing Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensichaa haala maqaa Itoophiyaa guddisee mul’isuun kabajama – Leet/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

AMN PLUS- Amajjii 06/2018

“Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa waggaa 90ffaan haala maqaa Itoophiyaa guddisee mul’isuun kabajuuf qophiin xumuramaa jira” jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Ayyaanni guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa Amajjii 15 hanga19, 2018tti sagantaalee garaagaraan akka kabajamu ibsameera.

Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan haala kabaja ayyaanichaa ilaalchisee qondaaltoota olaanoo waliin marii gaggeessaniiru.

Waggoota 90’f aasxaa ammayyuummaa fi birmadummaa ta’ee kan ce’e, Humni Qilleensaa Itoophiyaa guyyaa hundeeffama isaa haala kabaja isaa madaaluu fi dandeettii isaa gituun kabajuuf qophiin xumuramaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoota birmadummaa Itoophiyaa qoccoluuf yaadaniif qophaa’ummaa fi ga’umsa dhaabbatichaa agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply