Muuziqeessaa Masiinqoo waltajjii AFRIMA irratti badhaafame- Addis Alamaayyoo/Hadinqoo

You are currently viewing Muuziqeessaa Masiinqoo waltajjii AFRIMA irratti badhaafame- Addis Alamaayyoo/Hadinqoo

AMN PLUS- Amajjii 7/2018

Masiinqoo haalaan tolchee taphata. Ogeessi Muuziqaa kun masiinqoo ni dubbachiisa jechuun ni danda’ama. Addis Alamaayyoo jedhama.

Sababaa barreessaa beekamaa Addis Alamaayyoo jedhamuun maqaan isaa moggaa’eef hedduu jaalachuufi gammaduu kan ibsu, Addis, maqaa kanaa fi ogummaa Masiinqoo keessi isaa osoo hojjatuu dharra’u walitti fiduun, Hadinqoo jedhee moggaafate. Amma Maqaa Hadinqoo jedhamuunis waamama.

Waltajjiiwwan gurguddaa weellistootni Itoophiyaa garaa garaa irratti affeeraman irratti innis yoo masiinqoo isaa qabatee dhaqu, haguma weellistoota sanaa sagaleen masiinqoo isaa hawwamuu, dheebuu muuziqaa hirmaattotaa obbaasa.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Bara 2010 yeroo badhaasa Noobeelii Nagaa addunyaa fudhachuuf gara Noorwey dhaqan isaan faana argamuun, sagalee masiinqoo isaa akkuma wallee simbiraa ganamaa yaadamu sana, weellistuu Beetii Jii waliin ta’uun hordoftoota sagantichaaf dhiyeessee, hojii dinqisiisaa hojjateera.

Masiinqoo isaa ofuma isaan simsiisee, “Ani Hadinqoodha” jechuun, sagalee kiilolee masiinqoo isaan waltajjii addunyaatti beekamuuf hojjataa akka jiru illee ibseera.

Daandii mul’ata isaa eegalame kan eebbiseef ammo sagantaa badhaasa Jaazii Afrikaa AFRIMA jedhamu irratti Damee Artistii Urjiin maqaa biyya isaa waamsisuu danda’uu isaan gammachuun isaa olaanaa ta’uu turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen dubbateera.

Masiinqoo fi Muuziqaa aadaaf jaalala addaa akka qabu kan dubbatu Hadinqoon dameen kun akka ammayyaa’uu fi teekinooloojii waliin deemu fedhii olaanaa qabaachuu himeera.

Kanaafis carraa fi waltajjii argate hundumaa irratti akka hojjataa jiru ibseera.

Amistardaamitti argamuun ogeessota muuziqaa 53 waliin waltajjii Orkeestiraa Saanfoonii irratti hojjateera. Kanaanis maqaa Itoophiyaa ol kaasee mul’isuu isaatti akka gammadu kaaseera.

Mootii Muuziqaa Jaazii jedhamuun kan beekamu Dooktar Mulaatuu Astaaxiqee waliin hojjachuuf carraa argachuu kan eeru Hadinqoon, hojii kana keessatti abbootii ogummaa muuziqaa danuu waliin hojjachuun muuxannoo fi ogummaa isaa akka guddifatu isa gargaaruu ibseera.

Hojiileen kunneen akka Artistii Jaazii AFRIMA Bara 2025 kaadhimamaa ta’u qofa osoon taane, artistoota jaazii bebbeekamoo kanneen akka Richaard Boonaa fi maatii Maadee Kuutii waliin dorgomuun 1ffaa ba’ee Itoophiyaan akka beekamtu taasisuu himeera.

Beekamtii fi badhaasni AFRIMAtti argate isaaf qofa osoon taane taphattoota masiinqoo lafaa dhufaaf abdii guddaa kan hore ta’uu dubbateera.

AFRIMA 2025 irratti Hadinqoo qofa osoo hin taane, weellistootni akka Wiihaa fi Veroonikaa Adaana, injifachuun beekamtii argachuun isaanii akkasuma ni yaadatama.

Yaalew Geetaaneetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply