Falmiin xumuraa Waancaa Afriikaa 35ffaa biyya taphataa qaxalee dandeetti isaatiin akka Warqeetti ifee muldhatuu Saadiyoo Maanee Senegaaliifi Biyya Ashiraaf Haakimii Moorokoo waliitti fideera.
Falmiin qopheessituun Waancaa Afriikaa bara 2025 Moorokoon garee biyyaalessaa Senegaal waliin gaggeessitu taphataa qaxalee sarara gidduu Kilaba Laaliigaa Ispeen Riyaal Maadriid kan ta’e Biraahiim Abdulkadiir Diyaaziif hiikksa guddaa qaba.
Taphataan sarara gidduu warra Losbilaankootaa Biraahiim Diyaaz iddoon dhalootaa isaa Ispeen bulchiinsa Maalaagaatti ta’uus hiddi dhalootaa maatii isaa Afrikaa Kaabaa Moorokoo keessaa akka ta’ee seenaan taphataa ni dubbataa.
Sababa kanaan taphataan qaxaleen sarara giddufi fuulduraa warra Losbilaankotaa Biraahiim AbdulKadiir Diiyaaz garee biyyaalessaa bakka dhalootaa handhurri isaa itti handhuramee Ispeeniif taphachuuf yeroo garagaraatti gaaffiifi feedhii keessoo isaatti bubbulee dhiyyeessus otoo fudhatama hin argatin ture jira.
Gaaffiifi fedhiin Biraahiim Diiyaaz biyya dhaloota isaa Ispeeniif taphachuuf dhiyeessaa ture fudhatama dhabuu isaatiin, taphatichii fuula isaa gara biyya dhaloota maatii isaatti naanneffachuun yeroo jalqabaatiif garee biyyaalessaa Morookootiif taphachuun isaa seenaa Kubbaa Miilaa Biraahiim keessatti iddoo addaa qaba.
Erga Ispeen irraa fuula naanneffatee as Amajjii 2024tti tapha jalqabaa isaa ‘Atlaas Lions’f hiriiree asitti taphoota 20 Morookoof taphate irratti goolii 13 galcheera.
Gama biraan yeroo biyyi qe’ee maatii isaa taatee Moorokoon Waancaa Afrikaa 35ffaa haala adda ta’een qopheessitetti garee biyyaalessaa Moorookoof taphachuu jalqabuun isaa seenaa kubbaa miilaa isaa keessatti iddoo olaanaa qaba.
Biraahiim tapha Waancaa Afriikaa 35ffaa kana irratti taphoota murteessoo irratti Moorokoon taphatte Shan irratti golii lakkofsiisuun seenaa dhaloonni yaadatuu barreesseera.
Taphataan sarara giddu Riyaal Maadriid kun taphoota ramaddii keessaa darbuuf gareewwan biyyaalessaa Morookoo waliin taphattee keessaa Koomoroos, Maalii fi Zaambiyaa irratti goolii kan galche yoo ta’u marsaa biyyoota 16 irratti tapha biyyi isaa Taanzaaniyaa waliin taphatte irratti daqiiqaa 86ffaa irratti lakkofsiisuun injifannoo ajaa’ibaa galmeesseera.
Kanaaniis Biraahiim Diiyaaz carraafi hawwii guddaa garee biyyaalessaa iddoo dhaloota isaa Ispeeniif taphachuuf qabuf hoggantoota Federeeshinii Kubbaa Miilaafi leenjisaa garee biyyaalessaa Ispeeniif dandeettifi eenyummaa inni kubbaa miilaa irratti qabu agarsiiseera.
Moorokoon Waancaa Afriikaa 35ffaa ofiin qopheessite kana qe’eedhuma ishee keessatti akka hambistu taasiisuu keessatti Biraahiim Diyaaz qooda guddaa akka taphatu taateewwan morkii kanarraa eegaman keessaa isa ijoodha.
Falmiin Xumuraa Waancaa Afriikaa 35ffaan Senegaaliifi Moorokoo gidduutti har’a galgala sa’aatii 4:00tti kan adeemsiifamuudha.
Kaasiyyee Maanguddaatiin