AMN PLUS- Amajjii 28/2018
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti waltajjiin ‘Wal Haa Gaafannuu’ har’a jiraattotaa fi itti gaafatamtootni sektaroota garaa garaa irratti hirmaatan adeemsifameera.
Jiraattonni tokko tokko magaalaan finfinnee jijjiirama hunda galeessa keessa jiraachuu dubbatanii garuu akka kutaa magaalaa booleetti Hanqinoota furamuu qabanis eeraniiru.
Komii jiraattotaa keessaa hojiileen misoomaa hojjetaman haala barbaadamuun eegamuufi kunuunsamuu dhabuu kaasaniiru.
Dabalataanis, hanqina dhiyeessii bishaan dhugaatii, daandiin keessoo amma barbaadamu hojjetamuu dhabuu fi dhabamsiisa balfaa irratti hanqinni jiraachuu dubbataniiru.
Hirmaattotni bulchiinsa gaarii waliin wal qabatee mooraa manneen waliin jireenyaa keessatti yakkoonni darbee darbee mul’atan waan jiraniif xiyyeefannoon akka itti kennamu gaafataniiru.

Itti gaafatamtootni waajjiraalee kutaa magaalaa Boolee “hojiilee misoomaa hojjetaman dhalootaaf akka darban akkuma misooma irratti jiraattonni hirmaatan kunuunsuurratti akka hirmaatan ni hojjenna” jedhan.
Itti dabaluunis, “Dhiyeessii bishaan dhugaanii fi balfa dhangala’aa dhabamsiisuun hojii hojjetameen jijjiiramni guddaa jiraatuuf ammas hanqina jiru furuuf ni hojjetama” jedhan.
Manneen waliin jireenyaa keessatti gochoota yakkaaf ka’umsa ta’an ittisuuf jiraattotaaf qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun akka hojjetamus ibsaniiru.
“Magaalaa Finfinnee jiraattota isheef mijattuu taasisuuf hojiileen hojjetamaa jiran akka kutaa magaalaa booleettis bu’aa argamsiisaa jiru” kan jedhan ammoo Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Kutaa Magaalaa Boolee Dooktar Isheetuu Lammaati.
“Kutaa Magaalaa booleettis hojiileen jireenya lammiilee jijjiiran hedduun hojjetamaniiru” jechuun kanneen fooyya’uu qaban keessattuu rakkoolee Bulchiinsa gaariin wal qabatan furuuf waltajjichi kun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Gaaffileefi yaadotaa ka’an kanneen akka galteetti fudhachuun furuuf kan hojjatan ta’uu dubbataniiru.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase