AMN PLUS- Amajji 27/ 2018
Guddina ariifataa magaalaan Finfinnee galmeessaa jirtuun cinatti, dhiheessii mana jireenyaa guddisuuf Bulchiinsi magaalichaa filmaataawwan garaagaraa diriirsuun hojjechaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Akka Walii galaatti barsiisota magaalaa Finfinnee waldaan gurmaa’anii qusannaa duraa raawwatan kuma 6 fi 194 waldaalee 57’n gurmeessuun lafa hektaara 40 birrii biliyoona 24’tti tilmaamamu biliisaan dhiheessuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Lafa barsiisonni irratti mana ijaarratan kanaaf mootummaan beenyaa birrii biliyoona 5 ol kaffaluu fi baasii diizaayinii haguuguu eeraniiru.
Barsiisotni Magaalaa Finfinnee waldaan gurmaa’uun manneen waliin jireenyaa akka ijaarrataniif labsii magaalichi baase hordofee ulaagaa danbiin kaa’ame dhibbeentaa 25 qusachuun dhibbeentaa 75 ammoo liqaa yeroo dheeraan gama baankiitiin bulchiinsi magaalichaa mijeessuun kanneen gurmaa’aniif Kantiibaa Adaanech ijaarsa manaa eegalchiisaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.