AMN PLUS-Amajjii 29/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Addis Miidiyaa Neetiwork (AMN) sagantaalee komii uummataa furan dhiyeessuun sagalee uummataa ta’uun, kenniinsi tajaajilaa akka fooyya’u taasisuu isaa ibsaniiru.
Manni Maree Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa adeemsisaa jira.
Aadde Adaanech gabaasa ji’a 6 dhiyeessaniin kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjatameen tajaajilamtoonni kenniinsa tajaajilaa irratti hirmaannaa kallattii akka qabaatan, itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka danda’an akkasumas sadarkaa sadarkaan mari’atan ta’uu kaasaniiru.

Keessattuu, waltajjii marii gaaffii fi deebii qopheessuun jiraattonni gaaffii isaanii akka kaasaniif, hoggantootnis deebii akka kennaniif sirna dandeessisu diriirsuu isaanii Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Kanumaan wal qabatee, AMN fayyadamuun sagantaalee akka “Agalgaayi, ‘Waarkaa’, gaazexeessummaa qorannoo fi sagantaalee birootiin uummanni kenniinsa tajaajilaa irratti yaada akka kaasu waltajjii mijeessuu ibsaniiru.
Kanaanis, mootummaan gaaffiiwwan ka’an adda baasee furuu akka danda’u sirni uumamuu isaa akkasumas adeemsa kanaan bu’aa jajjaabeessaan argamuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Keessattuu, sagantaa Televizhinii ‘Agalgaayi’ jedhamuun hooggantootni dhaabbilee, uummanni komii kenniinsa tajaajilaa irratti qabu tamsaasa kallattiitiin AMN irratti dhiyaatanii furmaata akka kennan taasifamuu isaa himaniiru.
Haaluma kanaan, gaaffilee tajaajilamtootaan miidiyaa irratti ka’an keessaa % 86 kan ta’an dhugaa akka ta’an eeruun, guutummaatti yookaan gariin furamuu isaanii daawwannaa dirree irratti mirkaneessuun kan danda’ame ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee dubbataniiru.
Addis Miidiyaa Neetiwoorki Chaanaaliiwwan televizhiinii lama, AMN fi AMN PLUS, akkasumas raadiyoo FM96.3, Miidiyaa Dijitaalaafi Gaazexaa Addis Lissaaniin uummata bira gaha.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e