‎Finfinneetti barattoota kuma 940 oliif guyyaatti yeroo lama nyaatni dhiyaataa jira- Aadde Adaanech Abeebee

You are currently viewing ‎Finfinneetti barattoota kuma 940 oliif guyyaatti yeroo lama nyaatni dhiyaataa jira- Aadde Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Amajji 29/2018

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaa jiru.

Gabaasa isaaniin ‎Finfinneetti sababa dhiibbaa jireenyaan barattootni maaddii barnootaarraa akka hin hafneef deeggarsa garagaraa taasifamaa jiraachuu himan.

Yeroo ammaa barattootni kuma 900fi kuma 4fi 329 ol ta’an guyyaatti yeroo lama sagantaa nyaata barattootaatiin sooraa jiraachuu Kantiibaan Adaanech Abeebee himaniiru.

‎Kana malees, uffata barattootaa, meeshaaleen barnootaa fi uffatni barsiisotaas yeroon dhiyaataa akka jiru Aadde Adaanech ibsaniiru.

‎Sagantaan nyaata barattootaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa, sadarkaa tokkoffaa fi sad. lammaffaatti hojiirra ooluun, nyaatni qulqullina qabuu fi fayya-qabeessa ta’e barattootaaf guyyaatti yeroo lama dhiyeeffamuun hojiirra oolchuun bu’aa bal’aan galmaa’aa jiraachuus himaniiru.

Manneen barnootaa mijaa’oo gochuunis hojiin bu’a qabeessi raawwatamuu himan.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply