Ijaarsi paarkii ispoortii akaakuu isaan kan jalqabaa ta’e xumuramaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Ijaarsi paarkii ispoortii akaakuu isaan kan jalqabaa ta’e xumuramaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS-Amajjii 29/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, naannoo Kaazaanchisitti hojii deebisanii misoomsuutiin paarkiin ispoortii akaakuu isaatiin kan jalqabaa ta’e, gosoota ispoortii ammayyaa fi aadaa garaa garaa keessummeessuu danda’u ijaaramee xumuramaa akka jiru ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee irratti gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahaa dhiyeessaniin, “Dirreewwan ispoortii kubbaa miilaa, fiigichaa, dirreewwan lamaa fi sadii bakka tokkotti hammate akkasumas bakkeewwan sochii qaamaa itti hojjatan biroo 32 ta’an ijaaramaa jiru” jedhan.

Kaazaanchisitti ijaarsi Paarkii Ispoortii akaakuu isaan kan jalqabaa ta’e xumuramaa jiraachuu isaa kan ibsan Kantiibaa Adaanech, leenjii ispoortii wajjinis walqabatee, buufata leenjii 723 irratti gosoota ispoortii 20n, yeroo bonaa fi gannaa guddattootni Kuma 84 fi 683 leenjii argachuu isaanii eeraniiru.

Guddattoota garee biyyaalessaa kubbaa miilaa Itoophiyaa waggaa 17 gadii bakka bu’an 25 keessaa, 17 ijoollee Magaalaa Finfinneetti leenji’an keessaa kan filataman ta’uu Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

Ispoortii hawaasa giddugaleeffateenis walumaa galatti namootni miliyoona 3.2 ta’an bakka jiraatanitti, bakka hojjetanittiifi bakka boqonnaa fi bashannanitti Ispoortii irratti akka hirmaatan taasifamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa isaaniin dhiyeessaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply