AMN PLUS – Guraandhala 26/2018
Waliigaltee Jenevaa bu’uureffachuun wayita waraanaafi walitti bu’iinsaa lammiilee nagaa haleellaa irraa eeguu fi sirna bulchiinsa irratti mareen Ardiilee giddu galeessa taasifate magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Waltajjichi wayita waraanaa qajeeltoowwan namoomaa fi seera addunyaa guddisuu irratti akka xiyyeeffate ibsameera.
Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Olaanaa Dhimmoota Seera Idil-Addunyaa Obbo Yibaqaal Gizaawu haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, Itoophiyaan biyya seera namoomaa Idil-Addunyaa fi waliigalteewwan to’annoo meeshaa waraanaa fudhachuufi hojiirra oolchuun seenaa baroota dheeraa qabdu ta’uu ibsaniiru.

Sochiin haaraan kun rakkoo deeggarsa namoomaa Ardii Afrikaa keessatti mudate itti fufiinsaan hiikuu dabalatee Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 milkeessuun “Afrikaa Sagalee Rasaasaa Irraa Walaba Taate ” dhugoomsuu keessatti iddoo guddaa akka qabu ibsaniiru.
Waldaa Qaxxaamura Diimaafi Addeessa Diimaa Idil-Addunyaatti Bakka Bu’aan Gamtaa Afrikaa Biruuz Laawurensi gama isaaniitiin, dhimma namoomaa keessatti Itoophiyaan fakkeenyummaan kaati jedhaniiru.
Waltajjii marii kana irratti ogeeyyiin biyyoota Afrikaa 33 ol, qondaaltotni olaanoofi bakka bu’ootni dhaabbilee Idil-Addunyaa hirmaataniiru.
Daraartuu Tarreessaatin