AMN PLUS- Guraandhala 20/2107
Injifannoon Adawaa fi Hidhi Guddicha Haaromsa Itoophiyaa, Itoophiyaanotni mo’icha waloo tokkummaan kan galmeessan ta’uu Minstirri Bishaaniif Inarjjii Habtaamuu Ittafaa (Dr.) ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaas seenaa guddaa dhaloota dhufuuf darbuu danda’uu, yaada hin danda’amu jedhamee yaadamu lammileen Itoophiyaa irra aanuun tokkummaa isaanii kan itti mirkaneessaniidha jedhan.

Injifannoon Adwaa Itoophiyaanoonni qabsoo farra koloneeffatoota isaanii irratti injifannoo guddaan itti galmeeffameesan yoo ta’u, uummata guraachota addunyaa guutuuf injifannoo boonsaa ta’uu isaa dubbataniiru.
Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi kun injifannoo Itiyoophiyaanonni maallaqaa ofiitiin ijaaranii fi tokkummaa isaanii kan itti cimsan ta’uu TOIttu gabase.