AMN PLUS- Guraandhala 28/2017
Yunivasiitiiwwan bakka yaadni walabaa itti madduu fi biyyaa fayyadu ta’uu akka qabu Minitirri Barnoota Pirof. Biraanuu Naggaa dubbatan.
Hoggantoonni olaanoo Ministeera Barnootaa hoggantoota Yunivarsiitii Dembidooloo fi miseensota hawaasaa waliin marii taasisaniiru.
Yuunivarsiitiiwwan ergama isaanii haalan akka ba’ataniif sammuu gandummaa fi dhiibbaa siyaasaa jalaa bilisa baasuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Ministirri Barnootaa Piroof. Birhaanuu Naggaa ibsaniiru.
Ministirichi, “Yuunivarsiitiiwwan bakka hayyoonni walabaan beekumsa biyyaf ta’u itti maddisiisan fi mariin dhugaa bilisaa itti gaggeeffamuu danda’u ta’uu qaba, gara sanatti akka deeman barbaanna” jedhan.
Yuunivarsiitiiwwan, eebbifamtoota safuu hawaasaa beekan, malaammaltummaa kan balaaleffatan fi bu’aa qabeeyyii ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Eeggatan Itti Aanaan Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa Taaddasaa Ragaasaa (Dr.) hooggantootaa fi qooda fudhattoota hunda waliin mari’achuun dhaabbaticha jijjiiruuf hojii eegaluu isaanii Ministeera Barnoota irraa odeeffanne.