Ergaa of eeggannoo itti fayyadamtoota Telegiraamaaf !

You are currently viewing Ergaa of eeggannoo itti fayyadamtoota Telegiraamaaf !

AMN – Eebla 02/2017

Ittifayyadamni Intarneetii guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu hordofee yaaddoon kanaa wajjin walqabatanii dhufanis akkuma kana babal’ataa jira.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa tibbana teessoo (URLs) intarneetii hedduu qorachuun toorawwan kunneen hawaasarra yaaddoo cimaa uumuu akka danda’an mirkaneesseera.

Liinkonni qaamolee garagaraarraa maamiltota telegiraamaatti ergaman balaawwan kanneen akka odeeffannoo dhuunfaa butuu, tatamsa’ina Malweerii, waliin dhahuu fi gowwomsuufaadha.

Kanaaf maamiltonni liinkota armaan gaditti tarreeffaman akka hin banne/fayyadamne hubachiisaa liinkonni shakkisiisaa ta’an yoo mudatan • e-mail: ethiocert@insa.gov.et fi lakkoofsa bilbilaa bilisaa 933 Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaaf akka kennan beekiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply