Konfedereeshiniin Waldaa kubbaa miilaa Afrikaa ‘CAF’ kilaba Pirezidaantii isaa doolaara kuma100’n adabe

You are currently viewing Konfedereeshiniin Waldaa kubbaa miilaa Afrikaa ‘CAF’ kilaba Pirezidaantii isaa doolaara kuma100’n adabe

AMN PLUS – Ebla 11/2017

Konfedereeshiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) kilaba abbaan qabeenyummaa isaa pirezidaantii ‘CAF’ Paatris Museeppee ta’e kilaba Afrikaa kibbaa Maameloodii Saandaawunsi sababa naamusa cabsuu deeggartootaan doolaara kuma 100 adabuudha kan beeksisie.

Maameloodi Saandaawunsi tapha Kilaba Tuniiziyaa Espeeraansi waliin Ebla 1 darbe taphaterratti namuusaan ala hokkora deeggartootni isaa uumaniin ta’uu CAF beeksiseera.

Boordiin naamusaa konfedereeshinii waldaa kubbaa miilaa Afrikaa murtii guyyaa kaleessaa dabarseen kilabni Maameloodii Saandaawunsi dambii naamusaa CAF keeyyata 32 fi 35 darbuun badii raawwataniif kilabicha doolaara kuma 100’n adabeera.

Haaluma walfakkaatuun deeggartootni kilaba Tuniiziyaa Espiiransis dambii naamusaa CAF keeyyaata 82 fi 83 cabsuun naamusa badaa deeggartootarraa hin eegamne mul’isaniif kilabichi doolaara kuma 100 fi kuma 50 adabameera.

Kilabootni lammanuu dorgommii waancaa kilaboota Addunyaa FIFA’n Waxabajji dhufu USA’tti qophaa’urratti Afrikaarraa kilaboota darbuun isaanii mirkanaa’edha.

Dureessi Afrikaa kibbaa Paatris Museeppe konfedereeshinii waldaa kubbaa miilaa Afrikaa waggoota 4’f pirezidaantummaan hoogganaa turuun baatii darbe dorgomaa malee marsaa lammaffaaf gaggeessummaan filamuun isaanii ni yaadatama.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply