Biraazilitti dorgommii beeyiladoota jidduutti dhiyeenyatti gaggeeffameen gosti sa’a Giroolaandoo jedhamtu haala adda ta’een guyyaa 3 keessatti aannan Liitira 343 yookaan Gaaloonii 90.6 kennuun galmee addunyaa irratti galmoofteetti.
Sa’a sanyii fooyya’oo irraa kan argamte Giroolaandoo, gosti ishee aannan hammaan hedduu tahe kennuun beekamu.
Gosti sa’a kanaas baay’inaan Ameerikaa Kibbaa keessatti argamu.
Tokkoon tokkoo Giroolaandoo guyyoota 305 keessatti aannan Liitira 3,600 akka kennan gabaafameera.
Sa’a tokko tokko ammoo haala kanarraa adda taheen guyyaatti aannan Liitira 100 akka kennan ibsameera.
Sa’i riikoordii cabsuun galmee addunyaarratti galmoofte kun guyyaatti aannan Liitira 120 gahu kennaa turuu ishee kan gabaase Oodiitii Seentiraal, kanaan dura bara faranjootaa 2019’tti sa’i gosuma Giroolaandoo kan taate biraan guyyaatti Liitira 127 ol kennuun rikardii cabsuun galmooftee turte.