Hoospitaalichi lammiilee kuma 5f tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennuu eegale

You are currently viewing Hoospitaalichi lammiilee kuma 5f tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennuu eegale

AMN PLUS, Hagayya 15/2017

Hoospitaalli Ispeeshaalaayizdii Xuqur Ambassaa tajaajila yaala fayyaa bilisaa namoota kuma 5f kennuu eegaleera.

Sagantichi qaama tola ooltummaa waqtii gannaa yoo tahu namoota ofiin yaalamuuf humna hinqabneef bilisaan kan kennamu ta’uun ibsameera.

Tajaajilli kum kutaa magaalaa Qiirqositti guyyoota 3f kan kennamu ta’uun himame.

Hojiin tola ooltummaa akkasii bakkeewwan garaagaraatti babal’achuu akka qabus saganticha irratti eerameera.

Tsahaay Zawudeetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply