Ameerikaan viizaa Miiliyoona 55 sakatta’uufi

You are currently viewing Ameerikaan viizaa Miiliyoona 55 sakatta’uufi

‎AMN PLUS – Hagayya 16/2017

‎Ameerikaan viizaa Miiliyoona 55 sababaan itti sakkattaatuuf kanneen seera cabsan adda baafachuuf akka ta’e beekameera.

‎Namootni kunneen yoo Ameerikaa seenan akkasumas yeroo turtii isaaniitti kan seera cabsan yoo ta’an viizaan isaanii haqamuu akka danda’u Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksisuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Maark Roobiyoon, amoota yeroo eyyemameef ol turan, yakka raawwatan, nageenya hawaasaaf yaaddoo ta’an, sochii shororkeessummaa kam keessatti qooda fudhatan akkasumas shororkeessaa deggeran irratti tarkaanfiin viizaa haquu akka fudhatamu himanii jiru.

‎Pireezidaant Doonaald Tiraamp erga marsaa 2ffaan gara aangootti dhufanii as dambiiwwan jajjaboo godaantota irratti baasuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’u namoota hedduus gara biyya isaaniitti deebi’aniiru, kaaniin ammoo mana hidhaatti guuraniiru.

‎Kanneen keessaa viizaan barattoota Kuma 6 tokko yoo ta’u, hawaasa idil-addunyaa irraa qeeqni isaan quunnamaa akka ture akkasuma gabaasamaa ture.

‎Madda: BBC

‎Malkaamuu Abbabaatiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply