Itoophiyaan oomisha bunaa riikardii ta’e gabaa addunyaaf akkamiin dhiyeessite?

You are currently viewing Itoophiyaan oomisha bunaa riikardii ta’e gabaa addunyaaf akkamiin dhiyeessite?

AMN PLUS- Hagayya 16/2017

Itoophiyaan bara baajataa 2017tti oomisha bunaa gabaa alaaf dhiyeessiteen galii riikardii haaraa ta’e doolaara biiliyoona 2.65 argatte.

Bara 2018tti ammoo buna toonii Kuma 600 erguun doolaara biiliyoona 3 argamsiisuuf hojjetamaa jira. Bakka buna itti ergamu biyyoota 60 irraa gara 84tti guddisuufis tarsiimoon qabameera.

Abbaan Qabeenyaa Sa’id Daamxee ergitoota buna galii biyyaaf argamsiisuun adda durer ta’an keessaa isaan tokko.

AMN PLUS, Qophii ‘Roga Dubbii’ waliin turtii taasisaniin, jijjiirama Itoophiyaan oomisha qonna bunaafi gabaa bunaarratti taasifteen bu’aa guddaan jiraachuu ibsu.

Jijjiiramaan dura buna irraa galiin argamu waggaatti doolaara miiliyoona 700 hin caalu jedhan Daayeraktarri olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa Addunyaa Dabalaa (Dr.).

Aadaa baratameenis haalli oomisha buna biyya keenyaa biyyoota biraatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu harka sadiin duubatti hafaadhas jedhaniiru.

Haata’u malee, yeroo ammaa oomishtummaan bunaa fi haala dhiyeessii gabaa bunaa kan jijjiiramee Itoophiyaan oomisha bunaa toonii Kuma 600 gabaa alaatiif dhiyeessuun sharafa alaa riikardii ta’e doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee himamera.

Faddaalota daldala gabaa bunaa keessa galuun qulqullina oomisha bunaafi harkifannaa gabaa bunaa uumaa turan mootummaan hambiseera jedhan Abbaan Qabeenyaa obbo Sa’id Daamxee.

Haaluma kanaan, qonnaan bulaan kallattumaan daldaltoota buna biyya alaatti ergan biratti akka gurguratan, akkasumas, warreen buna biyya alaatti ergan oomisha qonnaarrattis akka bobba’an haala mijataa mootummaan uumeen fooyya’inni dhufee waan baay’ee jijjiires jedhaniiru.

Haalli gabaa bunaa biyya keenyaa si’ataa akka hin turre kan ibsan Dr. Addunyaa Dabalaa kana furuuf hojiileen baay’een akka hojjetaman dubbatu.

Imaammata oomisha qonna bunaa jijjiruudhaan oomishni bunaa fi gabaan isaa akka jijjiirames ibsaniiru.

Keessattuu, sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuwwan dullooman jijjiiruun biqiltuu bunaa waggoottan shanan dabran dura dhaabbatan amma oomishni bunaa akka dabalu taasiseera jedhan.

Barana Addunyaarraa dhiyeessiin bunaa kan dhabame ta’uu eeruun Itoophiyaan carraa kana fayyadamtee kan durii caalaa oomisha bunaa toonii kuma 200 dabalataan gabaa alaatiif dhiyeessuu ishee Dr. Addunyaa Dabalaa himaniiru.

Dabalataanis, sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuun bunaa sanyii filatamaa ta’e biiliyeenan lakka’amu qonnaan bulaaf raabsamee akka dhaabbatu taasifamuun oomshni bunaa olaanaan akka argamu ta’eera jedhan Dr. Addunyaan.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply