Afrikaan qaama furmaata jijjiirama qilleensaa taatee itti fufti – Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing Afrikaan qaama furmaata jijjiirama qilleensaa taatee itti fufti – Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

‎AMN PLUS- Fulbaana 2/2018

‎Afrikaan rakkoo jijiirama qilleensaaf saaxilamuu qofa osoo hin taane qaama furmaata jijjiirama qilleensaa taatee akka itti fuftu pireezidaanti FDRI Taayyee Atsiqasillaasee hubachiisan.

‎Yaa’ii jijjiirama qilleensaa Biraazilitti gaggeeffamu (Coop 30) irratti ajandaan Afrikaa irratti dhiyaata jedhamee kan eegamu “Waliigalteen Finfinnee” haala gaariin raggaasifameera.

‎”Waliigalteen Finfinnee” raggaa’e kun osoo irraa hi hir’atin hojii irra oolchuun Afrikaa irraa akka eegamu Pireezidaanti Taayyeen yaadachiisaniiru.

‎Pireezidaantichi Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa Ittisuu keessatti gumaacha ba’ataa jirtu cimsee akka itti fuftu ibsaniiru.

‎Dura taa’aa Gamtaa Afrikaa bakka bu’uun ergaa kan dabarsan Komishinarri Dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaa fi Tasgabbii Baankoolii Adiwooyaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf tumsi Afrikaa cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

‎Yaa’ii Jijjiirama qilleensaa 2ffaa Itoophiyaafi Gamtaan Afrikaa qopheessan kanarratti namootni kuma 25 ol irratti hirmaatanii, mariiwwan 199 caalan kan adeemsifaman yoo ta’u, kaleessa xumurameera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply