Birraa simannee Ifa argineerra. Waqtii birra ayyaanoota kabajaman keessa tokkommoo Masqala. Masqallis sirnoota gurguddoo Sadii kabajamu Keessaa jalqabni sirna daamotii ibsuti.
Abbaan Gadaa Jahan Bachoo Fiqaaduu Abarraaa AMN Dijitaaliif yaada kennaniin daamotiin baay’ina dhiiraa maatii warra saniitiin qopha’a jedhan.
Sirna daamootii ibsuu raawwachuuf jalqaba mana keessatti bunni haadha warratiin dhabbateeti eebbifatu. Sirni kun galgala kan rawwatamu waan ta’eef akkana jechun eebbiffatu.
“Kan nagaan nu oolche nagaan nu haa bulchu
daafii sababii nu haa oolchu
Irraa gora nu haa oolchu
Masqallii baranaa kan bara eegeretiin nu gahu
Kan bara eegere gada saddeetiin nu haa gahu
Kan gada saddeetii jaarraa barartiin nu haa gahu
waan barar jedhan jalaa nu haa baasu!” jechuun eebbifatu.
Sana booda abbaan warraa “ibidda gabbis” jedhan haadha warratin, kana jechunis ibidda guddisi jechudha.
Abbaan warraas daamooti lama waliin qabee ibidda manatti qabaterra daamotitti qabsifatee daamooti ibiddan laboobsee eebbiffacha gadiin baha
”Masqalli ifa baga ifatti nu baaste” jechaa Labooba ibidda daamooti samiitti ol qabuun “oliin nu deemi”
Lafattis gadi qabaa diina keenya gadin deemi jechaa abbaan warraa eebbifacha yoo deemu haati warraa ililchaa duuba adeemu jedhan.
Erga abbaan warraa gadiin bahee booda hangafa quxusuun ollaan hirmaates daamotii fudhachuun labooba daamotii abbaa warraa sanirraa qabsiisu jechudha.

Ibidda daamooti qabateetti marsuun itti naannaa’ani iyyookaa jedhu. Abbaan warraa dura deema iyyookaa jedha namoonni kuun jalaa qabu.
”Iyyookaa iyyookaa
Barri deetti barrii deetti
Iyyookaa iyyookaa
Barrii geetti barrii geetti
Iyyookaa iyyookaa
Barri quufaa barri quufaa”
….. jechaa yeroo shan ifa ibsaa daamooti sanitti naannaa’u
Ibidda ifaa daamootii saniin asheeta boqqolloo waadu. Gadi taa’anii eebbufatu.
“Kan baranaa nyaannee kan bara eegereetiin nu gahi” jedhanii eebbifatu.
Sanaa booda ka’anii sirbu.
”Simbirroo masqalaa
Uuman deebite yaa cilee masqalaa
Asin gadi gadi uuman deebite yaa cilee masqalaa
Kan qerreensa adii uuman deebite yaa cilee masqala….” jedhani sirbanii miila galchuun ho’isanii utalani sirbu.
Ayyaana masqalaa kana sa’aa namni lafa jiru ni gala. Looniis bakka godansaati ni galu. Masqallii kan namaa qofa osoo hin ta’in ayyaana loonitilleen jedhan.
Daamooti boba’ee walakkaa gahe keessa lama fuudheti abbaan warraa duuba kormaatin tuttuqee dabboobi dabboobi jedhaan, kunis goobii jechuudha. kanaaf gooba kormaa jedhu.
Gooba jechuun kan humna baase jechuudha
Jamboo Jooteetis sirba isaatiin akkas jedha
”Goba kormaa gobaa kormaa
Silaa maal godhanii” jedhe kan sirbe
Silaa humna qabdaa maal si godhanii jedhee humna waan tokko kan ittin ibse jechuudha.
Kanaaf masqalaan booda namnis horinillee ni quufa. Midhaanis firii godhatee laftis gabbatee waa hunda gabbisa jechuudha.
Shuumii Badhaasootiin.