Yaa’iin Barnootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti taa’amuu eegale

You are currently viewing Yaa’iin Barnootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti taa’amuu eegale

AMN Plus- Onkoloolessa 07/2018

Yaa’iin Barnootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti taa’amuu eegaleera.

Yaa’ichis mata duree “barnootni misooma qabeenya humna namaatiif” jedhuun taa’amuu jira.

Yaa’icha irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Tolaa Bariisoo (PHD) bara barnootaa 2017 keessatti milkii hedduun kan galmaa’anis ta’u ammas hojimaneen nu eeggatan hedduudhaa jedhan.

Keessuma kabajaa yaa’ichaa kan ta’an Deetaan Ministira Ministeera Barnootaa Aadde Ayyalech Isheetee Naannoo Oromiyaatti hojiin waliin ghaiinsa barnootaa irratti hojjetame jajjabeessaa ta’uu kaasan.

Akkasumas yeroo itti aanutti dhimmi qulqullina barnootaa irratti hojjechuu xiyyeeffannoo akka barbaadus akeekaniiru.

Ministeerri Barnootaa gama kanaan deeggarsa barbaachisu hundaa kan taasisu ta’uus dubbataniiru.

Sanyii Taaddasaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply