Obbo Bulchaan beekumsaa fi ogummaa qabaniin biyya isaanii murannoon kan tajaajilaan nama jabaa turan – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS Amajjii 4/2017

Obbo Bulchaa Dammaqsaan biyyaafi dhalootaaf dursa kennuun amanamummaa fi namuusaan tajaajiluu kan barsiisaan nama jabaa ta’uu Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Sirni gaggeessaa reeffa Gameessa Siyaasaa fi Ogeessa Diinagdee Obbo Bulchaa Dammaqsaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taasiifameera.

Obbo Bulchaan beekumsaa fi ogummaa qabaniin biyya isaanii murannoon tajaajilaa kan turan nama jabaa ta’uu Aadde Adaanech haasawa sirna gaggeessaa kanarratti taasisaniin ibsaniiru.

Hojiin guddaa fi Boonsaan hojjetanii darban bara baraan kan yaadatamu ta’uu kaasaniiru.

Obbo Bulchaan Abbaa Ijoollee 6 turan.

All reactions:

168168

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply