Finfinneen miidhagduufi qulqulluu ta’uun hawwattummaan ishee akka dabale tuuristootni biyya ollaa irraa dhufan AMN’tti himan.
Magaalaan Finfinnee baay’ee qulqulluufi bareedduu akka taate kan dubbatan tuuristiin Keeniyaa irraa dhufan Xaansjiis Akkiraaguu, “Itoophiyaa sirriitti akka beeknu nu taasiseera” jedhan.

Magaalaa Finfinnee magariisaafi haala qilleensaa mijawaa qabaachuun ibsuun, waan biyya isaaniitti hin argin asitti akka argan dubbataniiru.
Ugaandaa irraa kan dhufan Uleendaa Siindereellaa, “Biyya kiyyatti gaafan galu waa’ee Itoophiyaa dubbachuuf waan hedduu argeera ” jedhan.
”Magaalaa Finfinnee kanaan duras dhufanii kan beekan Siindereellaan, waan gaggaariin hojjetamanii miidhagina magaalattii akka dabalan ibsaniiru.
”Hambaleen seenaafi faayidaa hedduu qaban ijaaramuun isaanii Itoophiyaa beeksisuudhaaf ragaadha” jedhaniiru.

Biyyi isaa Ugaandaanillee iddoowwan turiziimii hedduu akka qabdu eeruun, Finfinneetti simannaan ho’aan akka taasifamef dubbataniiru.
Ahimad Abiijiyaa Somaaliyaa irraa kan dhufan yoo ta’u Magaalaan Finfinnee baay’ee hawwattuu akka taate ibsuun, hambaa lafee Luusii arguu isaaniitti hedduu akka gammadan himaniiru.
Itoophiyaatti nyaata aadaa, uffata Aadaa fi namoota Afaan adda addaa dubbatan arguun akka dinqisiifatan ibsaniiru.
Itoophiyaan hambaawwan daawwataman hedduu akka qabdu tuuristootni biyya ollaa irraa dhufan kunneen ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e