Baaburri Ka’ee Ka’eefi ‘Makiinaa’ Oofneen Tireentaa Gommaa Dirriisisaniitiin Afoola Oromoon Tajaajila Geejjibaa Ibsuuf Itti Dhimma Bahe

You are currently viewing Baaburri Ka’ee Ka’eefi ‘Makiinaa’ Oofneen Tireentaa Gommaa Dirriisisaniitiin Afoola Oromoon Tajaajila Geejjibaa Ibsuuf Itti Dhimma Bahe

AMN PLUS- Bitootessa 05/2018

Tajaajilli geejjibaa Magaalaa tokkoof akka wiirtuu lafee dugdaatti ilaalama. Waa mara sassaabee bakka tokkotti qabata jechuudha.

Maarree tajaajilli Awuutoobisii Magaalaa Finfinnee umrii waggoota 90 lakkoofsise, har’a olkaa’insa irra gaheen waa baay’ee nama yaadachiisa.

Dhaabbilee jireenya hawaasummaafi dinagdee Magaalaa Finfinnee murteessan keessaa dhaabbatni tajaajila Atuutoobisii Magaalaa halkaniifi guyyaa, xiqqaafi guddaa akkasumas kiisii harka qaleessaafi dureessaa hagas mara hin mine tajaajila geejjibaa umrii quufeedha jechuun ni danda’ama.

Itoophiyaan barii Faashistii Itaalii daaraa botoroo gootee injifattee kaastee karaa qindessummaa Ministeera Hojiifi Komunikeeshinii yeroo sanaatiin gaaraajotaafi konkolaattota diinotni yeroos dhiisan baqatan walitti qabuun suphee tajaajila geejjibaa magaalaa akka jalqabsiise seenaan faana dha’ee ka’eera.

Yeroon sun rakkoo geejjibaa biyyattiin keessa turte furuuf qofa osoo hin taane dandeettii teeknikaafi suphaa ijaaruufis bu’uura kan kaa’e tarkaanfii seena qabeessa akka ta’es ibsameera.

Sanumarraa ka’uun konkolaattota shan “Treentaa Kiwaatiroo” (Trenta Quatro) jedhaman fayyadamuun Magaalaa Finfinnee keessatti kallattii shaniin tajaajilli geejjibaa kennamaa akka tures ibsameera.

Dhaabbanni sunis imala umrii waggoota 90 lakkoofsiseen har’a guyyaatti jiraattota miliyoona 1.3 ol ta’anif tajaajila geejjibaa kennuun dhaabbata guddaa teeknooloojiin of gahoomse akka ta’es dubbatameera.

Dhaabbanni kunis yeroo ammaa tajaajila isaa ammayyeessuufi qaqqabummaa isaa babal’isuun hanqina geejjibaa Magaalaa Finfinnee sadarkaa guddaadhaan hir’isuun sochii geejjibaa daran fooyyessaa akka jirus kaafameera.

Yeroo ammaas dhaabbatichi konkolaattota geejjiba uummataa kuma tokkoofi 239 olin Magaalaa Finfinnee dabalatee Magaalota Shaggar keessattis tajaajila geejjibaa kennaa akka jiru eerameera.

Dhaabbatichi yeroo ammaa guyyaatti jiraattota miliyoona 1.3 ta’anif  tajaajila geejjibaa kennaa kan jiru yoo ta’u, sarara idilee 192 irra imaluun tajaajila kennaa jiras jedhameera.

Dabalataanis sirna tajaajila geejjibaa dijitaalaa babal’isuun tajaajila isaa caalmaatti saffisaafi ammayyaa’aa taasisuuf tattaaffii taasisaa jiraachus ibsameera.

Dhaabbatni konkolaataa uummataa “Anbassaa Awutoobisii” (Anbessa autobus) yeroo ammaa kanallee jiraattota Magaalaa Finfinnee kuma 6 fi 470 caalaniif carraa hojii kan uume dhaabbata guddaa akka ta’es eerameera.

Dhaabbatichi jiraattota miliyoona hedduuf tajaajila geejjibaa kennuun  sochii hawaasummaafi dinagdee magaalaa irratti gumaacha olaanaa umrii waggoota 90 lakkoofsise akka qabu ragaan dhaabbatichaan wabeeffatame ni mul’isa.

Shuumii Badhaasooti Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply