Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa sirni badhaasaa Paan Afrikaanizimii Finfinneetti adeemsifamuun isaa magaalattiin waltajjii gurguddoo keessummeessuuf mijattuu ta’uushee irra deebiin kan itti mirkaneesse ta’uu ibsa kenneen beeksiseera.
Tajaajilichi “miidiyaan utubaa misooma biyyaalessaa fi bu’uura sirna diimokiraaii ta’uu isaan mootummaan deeggarsa taasisu cimsee itti fufa” jedheera.
Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippiloomaasii idil addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee biyyoota Afrikaa keessaa magaalaa waltajjii gurguddoo keessummeessuuf mijattu ta’uunshee irra deebiin kan itti mirkaneesse akka ta’e tajaajilichi ibseera.

Finfinneen waltajjii guddaa kana keessummeessuun injifannoo guddaa ittiin boonnudha jechuunis ibseera.
Badhaasaa miidiyaa Afrikaa 2025 kana akka keessummeessitu kan filatamte calliftee osoo hin taane guddina sadarkaa addunyaatti madaalu galmeessaa jiraachuu isheen ta’uu beeksiseera.
Itiyoophiyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa fi utubaa seenaa Paan Afrikaanizimii ta’uu tajaajilichi eereera.
Kanaaf sagantaa guddaa kana qopheessuuf filatamuun ishee adeemsa sirrii akka ta’e kaaseera.
Bu’uuraaleen misoomaa waggoottan lamaan darban keessa hojjetaman gaazexeessitoota guutuu Afrikaaf, hojii miidiyaa fi hoggantoota siyaasaaf bakka walga’ii filatamtuu ta’uu hubachiiseera.
Badhaasni kunis fedhii Afrikaa bu’uura godhachuun kan qophaa’e ta’uu ibseera.
Ogeeyyiin miidiyaa 800 biyyoota 40 irraa walitti babba’an saganticharratti hirmaachuu kaasuun miidiyaan guddinaa fi kufaatii hawaasaa murteessuu keessatti humna olaanaa ta’uu yaadachiiseera.

Keessattuu “seenessoo dogoggoraa alaa itti fe’aman sirreessuun eenyummaa Afrikaa isa sirree gabaasuun qabu” jedhe.
Badhaasni kun Gaazexeessummaa, Biroodkaastingii, Miidiyaa Diijitaalaa fi ijaarsa seenessoon hojiilee fakeenyummaa qaban kanneen hojjetaniif beekamtii kan kenne waltajjii guddaa ta’uu himeera.
Kaayyoo olaanaan waltajjichaa Afrikaanoonni waa’ee eenyummaa isaanii karaa sirriin akka seenessaan carraa uumuu ta’uu ibseera.
Hanqina kalaqaa damee miidiyaan mul’atu furuun sadarkaa ogummaa caalmaatti guddisuu ta’uus kaaseera.
“Ogeeyyii miidiyaa ardichaa guutuu walitti qabuun, beekumsa ogummaa fi tumsa waliinii cimsuudha” jedhe.
Kanaaf mootummaan dameen miidiyaa bu’uura ijaarsa sirna diimokiraasii fi misooma biyyaalessaa ta’uu isaan tumsa hundagaleessa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.