Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Manni Maree Magaalaa Finfinnee beekamtii argatan

You are currently viewing Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Manni Maree Magaalaa Finfinnee beekamtii argatan

AMN PLUS- Sadaasa 28/2018

Manni Maree Federeeshinii Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaa akka milkaa’uuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Manni Maree Magaalaa Finfinnee shoora taphataniif beekamtii kenne.

Jala bultiin ayyaanichaa Magaalaa Hosaa’inaatti sirnoota garagaraan kabajamaa jira.

Magaalaan sab-daneessummaan haalaan itti calaqqisu Finfinneen guyyicha haala addaan kabajuurraa kaastee shoora taphatteef beekamtii kana argatteetti.

Beekamticha Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir fuudhaniiru.

Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply