Miseensotni Ajaja Waliigalaa Duultota Addaa, Inistitiyuutii Artefishaal Intalijensii daawwatan

You are currently viewing Miseensotni Ajaja Waliigalaa Duultota Addaa, Inistitiyuutii Artefishaal Intalijensii daawwatan

AMN PLUS- Mudde 4/2018

Hoggantootnifi Miseensotni Ajaja Waliigalaa Duultota Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Instiitiyuutii Artefishaal Intelijensii Itoophiyaa daawwataniiru.

Daayirektarri Itti Aanaa Inistitiiyuutichaa Obbo Yittaagasuu Dassaalany waa’ee waajjira haaraa fi hojiiwwan hubannoo nam-tolcheen wal qabatan ilaalchisee daawwattoota kanneeniif ibsa kennaniiru.

Inistiitiyuutichi nageenya uummataa kabachiisuu, fayyaa, qonnaa akkasumas afaanota biyya keessaa maashiniin dhimma itti ba’uuf haala dandeessisuun hojiilee hubannoo nam-tolchee fayyadamuun hojjachaa akka jiran daawwattootatti himaniiru.

Hoggantootaafi miseensotni Ajaja kanaa daawwannaa isaaniin iddoo hojii roobootiksii, mana kitaabaa dijitaalaa, wiirtuu jalqabbii fi mana agarsiisa oomishaa daawwachuu Odeeffannoon Inistituutichi AMN Dijitaaliif erge ni agarsiisa.

‎Daawwannaa kana booda miseensotni Ajaja duultoota Addaa yaada kennaniin gahumsi teeknooloojii inistiitiyuuticha keessatti argan kan isaan eeganiin ol akka ta’e ibsaniiru.

‎Kunis muuxannoo hojii fi beekumsa argachuu caalaa guddinni teeknooloojii biyyattii sadarkaa irra gahe qabatamaan arguu akka danda’an dubbataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply