AMN aartii magaalaa Finfinnee dagaagsuuf hojii qabatamaa hojjetaa jira- Hiruut Kaasaawu (PhD)

You are currently viewing AMN aartii magaalaa Finfinnee dagaagsuuf hojii qabatamaa hojjetaa jira- Hiruut Kaasaawu (PhD)

AMN PLUS – Mudde 29/2018

Dorgommiin ‘Addis Talent Show’ Finfinneen giddugala Aartii akka taatuuf gumaacha isaa bahachaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Aadaafi Aartii Finfinnee Hiruut Kaasaawu (PhD) himan.

Dorgommiin Moo’aa Moo’attootaa ‘Addis Taalet Show’ Marsaa 8ffaa Addis Miidiyaa Neetwoorkiin qophaa’e Yaadannoo Injifannoo Adawaatti haala ho’aan gaggeeffamaa jira.

Keessummaan Kabajaa waltajjichaa Dooktar Hiruut Kaasawu, ‘Addis Talent Show’ guuddina damee Aartii magaalaa Finfinneef gumaacha olaanaa bahataa jiraachuu himan.

Biiroon Aadaafi Aartii Finfinnee guddina damee aartiif hojiilee hojjetaa jiruun garee aartii Amaataroota 320 horachuu beeksisan.

Gareewwan kunneen amaatarummaa keessa darbanii industirii Aartiitti ce’uuf dorgommiin ‘Addis Talent Show’ gahee olaanaa bahataa jiraachuu himaniiru.

Tagany Bafiqaaduutu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply