Itoophiyaatti qaala’iinsi gabaa waggaa 7 booda yeroo jalqabaaf gara dijiitii baaqqeetti gadi bu’uun 9.70 ta’ee galmaa’uu Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa beeksise.
Tajaajilichi daataa waqtaawaa baaseen hammeentaan qaala’iinsa gabaa bara 2017 baatii Muddee, %17.0 ture.
Waggaa tokko booda yeroo walfakkaataatti garuu haalaan gadi bu’uun 9.70 ta’ee galmaa’uu ibseera.
Qaala’iinsi oomishaalee nyaataa 9.80 yoo ta’u, oomishni nyaataan ala ta’an ammoo 9.60 ta’uun galmaa’uu Tajaajilichi AMNf ibsa ergeen beeksiseera.