Finfinneetti tajaajila daldalaa dijitaalessuun, gabaa tasgabbesseera- Biiroo Daldalaa

You are currently viewing Finfinneetti tajaajila daldalaa dijitaalessuun, gabaa tasgabbesseera- Biiroo Daldalaa

AMN PLUS- Amajjii 6/2018

Kenniinsa tajaajila daldalaa dijitaalessuun gama maraan gabaa tasgabbeessuun akka danda’ame Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj ibsan.

Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee raawwii hojii Ji’oottan Jahan Darbanii qorateera.

Magaalaa Finfinnee keessatti baay’ina iddoo gabaa Sambataafi Dilbataa 240’n gahuun oomishaalee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuun akka danda’ame kaasaniiru.

Giddugala daldalaa gurguddaa fi ammayyaa’aa ta’an ijaaruun hojiitti galchuu akkasumas oomisha ga’aa dhiyeessuun fayyadamtootni gatii madaalawaan akka argatan taasifamuun akka ciminaatti kaafameera.

Gama biraatiin, daldaltoota seeraan ala oomisha dhoksan kuma 12 ta’an irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu isaas Aadde Habiibaan himaniiru.

Abdiisaa Fufaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply