Magaalaa Finfinneetti Miseensotni Raayyaa Nageenyaa kumni 22 eebbifaman

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti Miseensotni Raayyaa Nageenyaa kumni 22 eebbifaman

AMN Plus -Amajji 07,2018

Biiroon Bulchiinsa Nageenya fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Raayyaa Nageenyaa marsaa 6ffaaf leenjisaa ture eebbisiiseera.

Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa, sirna eebbaa kanarratti, Miseensotni Raayyaa Nageenyaa leenjii loltummaafi qor-qalbii loltummaa fudhatan kuma 22’f leenjii yeroo gabaabaa kennuun nageenya magaalaa Finfinnee akka kabachiisaniif kallattii hojii kennuun bobbaasuu dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee wayita guddina ariifachiisaa galmeessaa jirtu kanatti, nageenya magaalattii amansiisaa taasisuuf uummataa fi raayyaan nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun sadarkaa bilookirraa hanga magaalaatti halkaniifi guyyaa nageenya lammiilee kabachiisaa jiraachuu himaniiru.

Eebbifamtoonnis, nageenya lammiilee eeguuf guyyaa har’aa waadaa seenan eeguuf yeroo hundaa dammaqinaan akka hojjetaniif aadde Liidiyaan hubachiisaniiru.

Sirna eebbaa Raayyaa Nageenyaa kanarrattis Hooggantoonni Hojii mootummaa magaalaa Finfinnee olaanoon argamaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply