“Kan Hafetu Caala” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Kan Hafetu Caala” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Amajjii 7/2018

Daawwannaan ‘IshowSpeed’ Itoophiyaatti taasise guutuu addunyaatti ijni miliyoonotaa gara Finfinneetti akka harkifaman kan taasise sagantaa bu’a qabeessa akka ture Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Aadde Adaanech Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, “Daaw’annaan kuni magaalaan teenya aadaa keessummaa simachuu turee fi kabajame qabdu, qulqullinaa fi miidhagina magaalaa teenyaa, akkasumas bifa Itoophiyaa isa sirrii hawaasa idil-addunyaa beeksisuuf carraa guddaa uumeera” jedhaniiru.

Taatichi haga ammaatti ijoo dubbii ta’uunsaa kan itti fufe yemmuu ta’u, fuuldurattis hedduuwwan gara biyya keenyaa ni harkisa jennee yaadna jedhan.

“Taatee kana dandeettiin kan gaggeessitan biyya jaalattoonni, dargaggoonni ciccimoo fi dhiibbaa uumtonni, dhaabbilee dhuunfaa akkasumas mootummaawaa Federaalaa fi Finfinnee galata guddatu isniif mala” jedhaniiru.

Keessattuu Ministeera Tuurizimii, koomishinii Tuurizimii Finfinnee, Biiroo koominukeeshinii Finfinnee, Intarteeymantii Yissaaqaal fi kanneen biroos qaamonni qindoominaan hojjettan hunduu; humna qindoominaa olaanaa mul’istaniifi miira jaalala biyyaaf qabdan ‘haata’u’ nama jechisiisa.

Kantiibaa Adaanech ammallee “Kan hafetu caalaa, Jabaadhaa!” jechuun ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply