CAF leenjisaa garee biyyaalessaa Senegaal hojiirraa dhorke

You are currently viewing CAF leenjisaa garee biyyaalessaa Senegaal hojiirraa dhorke

AMN PLUS- Amajjii 12/2018

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa leenjisaa garee biyyaalessaa Senegaal Pepee Tiyaaw hojii leenjisuma irra dhorke.

CAF tapha xumuraa waancaa Afrikaa wal falmisiisaa Senegaal fi Morookoo gidduutti raawwatame irratti gocha badaa mudate qorachaa akka ture beeksiseera.

CAF qorannoon gaggeessaa turen akka jedhetti leenjisaan Pepe Tiyaaw taphattoonni murtee abbaa murtii taphichaan ajajamuu diduu isaaniitiin dirree akka gadhiisan ajajuun taphichi akka caalmaan jeeqamu taasisuu hime.

Kanaaf Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa leenjisaa garee Biyyaalessa Seneegal Pepee Tiyaaw hojii leenjisummaa irraa dhorkeera.

Murtee kana hordofuun leenjisaan kun Waancaa Addunyaa bara 2026 Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon keessummeessan irrattis garee biyyaalessaa hogganuu dhiisuu mala jechuun Afrikaa Top Ispoortiin gabaaseera.

Kadiijaa Ifaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply