Gamtaan hojjennee mul’ata Finfinnee fakkeenya badhaadhina taasisuuf qabanne ni mirkaneessina – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Gamtaan hojjennee mul’ata Finfinnee fakkeenya badhaadhina taasisuuf qabanne ni mirkaneessina – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Amajjii 16/2018

Finfinneen karoora baatii jahaaf qabatte keessaa dhibbantaa 95.3 ol milkeessiteetti jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Raawwiin hojii baatiiwwan jaha paartiifi mootummaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee qoratamuu eegaleera.

“Gamaaggama guyyaa sadii kanaan hojiilee ijoo mootummaafi paartii, hoggantoota aanaatii haga magaalaa jiran waliin gadi fageenyaan ni qoranna” jedhaniiru.

Baatii jahan darban aadaa hojii 24/7’n uummataafi tumsitoota misoomaa waliin qindoomuun damee hundaan raawwii %95.3 milkeessuun danda’amuu eeran.

Raawwii gaariin galmaa’us, dhaabbileen karoora qabame bifa walfakkaatuun raawwachuu dhabuun, tajaajila saffisaafi qulqullina qabu irratti qaawwi jiraachuu, matta’a gaafachuu, gaarummaan tajaajiluurratti rakkoolee jiran iftoominaan adda baasuun sirriitti akka qoratamus eeran.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply