Arseenaaliin harka keessa qabachuu hinbarbaachisu-Maanchistar

You are currently viewing Arseenaaliin harka keessa qabachuu hinbarbaachisu-Maanchistar

AMN PLUS – Amajjii 17/2018

Beellamni Arseenaaliifi Maanchistar Yuunaayitid har’a galgala sa’atii 1:30 tti eegalu roga hedduun xiinxalameera.

Taphicha Arteettaan riqicha ittiin gara waancaatti siqu jedhee amana.

Leenjisaan Yuunaayitid Kaarik taphichi hirmaannaa chaampiyoonsi liigii bara dhufuu argachuuf nu gargaaraan shallagata.

Morkiin kilaboota lameenii ammoo bara 1990 gara jalqabaa irraa eegalee hanga bara 2000 keessa gara walakkaatti baay’ee leellifameera.

Keessattuu barri umrii leenjisummaa Arseen Veengeeriifi Sir Aleeksi Farguusan kilaboota lameen gidduutti miira masaanummaa horeera.

Kanumarraa kan ka’ee Arseenaal waggoota dheeraadhaaf Yuunaayitidiin irra deddeebiin injifatameera.

Arseenaal hangam gahumsa gaarii irratti argamullee Maanchistar waliin morkata taanaan xiinsammuun du’ee gara dirree seena.

Kanaaf ammoo taphni marsaa jalqabaa liigichaa bara kanaallee ragaadha.

Arseenaal taphicha injifatee haa ba’u malee osoo qoramuu daawwatameera.

Warri Maanchistar deeggaran, taphattootaa hanga leenjisaas Arseenaal harka keessa qabachuu hinbarbaachisu jedhan amanu.

Carraa argame hundaan Arseenaal adabuu barbaadna jechuu isaaniti.

Dhiyeenya kanaa as garuu Arseenaal isa kaleessaa sana miti.

Kilaba shaampiyoonummaaf foolatu tahu firriis diinnis sirriitti hubateera.

Keessattuu erga leenjisaan Arseenaal Arteettaan kilabicha qabatee as waan hunduu jijjiirameera.

Maanchistar irratti olaantummaa argateen deeggartootni Arseenaal akka afuura dheeraa baafatan taasisuun miira galata qabdaa argachaa jira.

Arteettaan taphoota liigichaa 6 dhiyeenya ittiin Maanchistar morkate keessaa 5 injifachuun tokko qixa bahuu lakkoofsotatuu dhugoomera.

Gama biroon Maayikil Kaarik carraa leenjisummaan Yuunaayitidiin qabatee faallaa Arseenaal hiriire injifannoon baheera. Kun yaadannoo injifannoo leenjisummaa isaa keessaa tokkoodha.

Taphni har’a galgalaa garuu kilaboota lameeniif hiika biroo qaba.

Mikeehel Arteettaa vs Maayikil Kaarik dirreen Arseenaal Eemiratis bakka itti harka wal fuudhan tahee galmaa’era.

Arseenaal vs Maanchistar Yuunaayitid eenyuti injifata moo qixa bahu laata?

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply