Looret Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa Mana barumsaa ‘Yaadannoo Mootuu Ayyaanoo’ qarshii miiliyoona 60 oliin ijaarsisan eebbifame

You are currently viewing Looret Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa Mana barumsaa ‘Yaadannoo Mootuu Ayyaanoo’ qarshii miiliyoona 60 oliin ijaarsisan eebbifame

AMN PLUS – Amajjii 17/ 2018

Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Yaadannoo Harmee Looret Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa Mootuu Ayyaanoon Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti qarshii miiliyoona 60 oliin ijaarame eebbifameera.

Looret Pirofeesr Gabbisaa Ejjetaa Manni Barumsaa kun maqaa Yaadannoo Harmee isaaniin moggafamuu isaatti akka gammadan himanii, dhaloonni hayyuu ta’uuf barachuu akka qaban dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa dhaloota Dorgomaa fi Ofta’ee biyyaafis Abdii ta’u horachuuf godinichatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himanii, manni barumsaa kun bakka hayyuun egeree biyya bakka bu’an itti oomishamu ta’uu himaniiru.

Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barattoota Miliyoona 12 ol barsiisaa jiraachuu himanii Dhaloota Barnootaa fi Tekinolojiin ijaaraame horachuuf hojjetamaa jiraachuu himuu ENA gabaaseera.

Hawaasni naannichaas manni barumsaa amayyaan ijaaramuufii isaatti gammadanii jiraachuu himaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply