AMN PLUS- Amajjii 19/2018
Ministirri I/A Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofor Laandaaw fi Hoogganaan Humna Waraana Amerikaa Ajaja Afrikaa Jeneraal Daagvin Andarsan Ekispoo Aviyeeshinii 2026 bishooftuutti daawwatan.
Eksipoo Humna Qilleensaa Itoophiyaa kana Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad banuun ni yaadatama.
Eksipoo kana irratti Humna Qilleensaa dabalatee Gareen Indastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaa, Yunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa, Faawundeeshiniin Raayyaa Ittisaa fi dhaabbileen idil addunyaa kanneen biroo oomisha isaanii agarsiisaaf dhiyeessaniiru.
Teekinooloojiiwwan waraanaa agarsiisaaf dhiyaatan milkaa’ina bara dheeraa Itoophiyaa kan mul’isan ta’uu eerameera.
Ministirri Itti Aanaa Dhimma Alaa Kiristoofor Laandaaw, Itoophiyaa daawwachuutti kabajni akka itti dhaga’amu ibsanii simannaa taasifameef galateeffataniiru.
Hariiroon Itoophiyaa fi Ameerikaa daran cimee akka itti fufu illee ibsaniiru.
Hogganaan Ajaja Afrikaa Ameerikaa Jeneraal Daagvin Andarsan gama isaaniin “Nageenya naannawaaf keessumaa shororkeessitoota akka Al-shabaab fi “ISS’ to’achuufi dhabamsiisuuf waliin hojjanna” jedhaniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaarraa odeeffanne