AMN PLUS- Guraandhala 7/2018
Burundiin Dura taa’ummaa Gamtaa Afriikaa walabummaa fi tumsaan tajaajiluun gahee ishee akka bahattu Dura Taa’aa Yeroo Ammaa Gamtaa Afriikaa kan ta’an Pirezidaantiin Burundii Everistee Nidaayishiimiyeen ibsan.
Pirezidaantiin Burundii Iveristee Nidaayishiimiyeen Dura Taa’aa Gamtaa Afriikaa Bara 2026 ta’uun Pirezidaantii Angoolaa Jaa’oo Loowureenkoorraa aangoo fuudhataniiru.
Yaa’ii Gamtaa Afriikaa 39ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jiru irratti Pirezindaantiin Buruundii Dura Taa’aa Gamtichaa kan Bara 2026 ta’uun, Gaanaan ammo Itti Aanaa Dura Taa’aa Gamtichaa Bara faranjootaa 2026 ta’uun akka tajaajilan filatamaniiru.
Dura’Taa’ummaa Gamtaa Afriikaa bara kanaa ta’uun kan muudaman Pirezidaantiin Burundii Everistee Nidaayishiimiyee haasaa taasisaniin, biyyoota miseensa gamtichaa hundumaa dhaggeeffachuun faayidaa waloof tumsa gama maraan kan hojjatan ta’uu beeksisaniiru.
Dabalataanis, waliigalteen waloo akka uumamuuf biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa, Komishiniifi dhaabbilee Gamtichaa waliin qindoominaan kan hojjatan ta’uu ibsaniiru.