AMN PLUS – Guraandhala 16/2018
Buufataalee filannoo falmisiisoo Bulchiinsa Mootummoota Naannoo Amaaraafi Tigraay ilaalchisee Boordin Filannoo Biyyaalessa ibsa kennuu beeksise.
Boordichi filannoo marsaa 7ffaa adeemsisuuf sagantaa filattoota galmeessuufi buufataalee filannoofi naannoolee filannoon itti adeemsifamu Amajjii 22 bara 2018 uummataaf beeksisuun isaa ni yaadatama.
Buufataaleefi naannoolee filannoon itti adeemsifamu Boordichi ifoomse hordofee, Manni Maree Federeeshini xalayaa Amajjii 25 bara 2018 boordiif barreesseen buufataalee filannoo falmisiisoo Tahan Bulchiinsa Naannoo Amaaraafi Tigraayitti argaman haga dhimmi isaa furamutti buufataaleen filannoo kanneen akka Humaraa, Adiramatsi, Korom afalaa, Xalamtii fi Raayyaa allamaaxaa Bulchiinsa Naannoo Tigraayin alatti kallattin kophaatti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatin akka filatan Manni Maree Federeeshinii murteessuun Boordii Filannootif beeksiseera.
Manni Maree Naannoo filannoo irratti falmii ka’e naaf mala murtii jedhuuf Heera mootummaa irratti hundaa’uun yeroo sirrii filatamee gara fuulduraatti akka gaggeeffamu Manni Marichaa beeksiseera.
Haaluma kanaan, Boordichi murtii Mana Maree Federeeshinii irratti hundaa’uun filannoo waliigalaa 7ffaa akkaataa olitti ibsameen seeraafi sirna isaa eeguun hojii irra akka oolchu beeksiseera.