MM Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa hojiif Azarbaajaan dhaqan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa hojiif Azarbaajaan dhaqan

AMN PLUS- Gurraandhala 19/2018

Hariiroon Itoophiyaa fi Azarbaajaan waggoota dhihoodhaa asitti cimaa dhufuu isaa, Waajjirri Ministira Muummee beekasisera.

Kanaanis hariiroon dippiloomaasii wal-ta’iinsa cimaan itti fufe, akka mallattoo guddaatti mul’ata jedheera.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), Giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi garee jila ol’aanaa waliin har’a waaree dura Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Baakuu Heydar Aliyeev gahaniiru.

Daawwannaan kun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa ol’aanaa fi hiika qabeessa ta’etti ni ceesisa jedhameetu eegama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply