Adwaan injifannoo qofa osoo hin taane labsii Itoophiyaan hiree ishee ofiin kan murteeffattu ta’uu addunyaaf itti labsitedha-Waajjira Ministira

You are currently viewing Adwaan injifannoo qofa osoo hin taane labsii Itoophiyaan hiree ishee ofiin kan murteeffattu ta’uu addunyaaf itti labsitedha-Waajjira Ministira

AMN PLUS- Guraandhala 23/2018

Injifannoon Dirree Waraanaa Adwaa injifannoo qofa osoo hin taane labsii Itoophiyaan hiree ishee ofiin kan murteeffattu ta’uu addunyaaf itti labsite ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

Waajjirichi miidiyaa hawaasummaa isaan “Gaarreen Aduwaatii haga Gubaatti, Adawaan haala maluufiin yoo kabajamu” mata duree jedhuun ergaa dabarseen, “Wareegama goototaa kan kabajnu surraa kaleessaan jiraachuu qofa osoon taane, ashaaraa keenya har’aa ijaaruuni” jechuun ibseera.

Waajjirichi “Ayyaanni Adwaa kabajamuun gaggeeffamuun hiree egeree biyya keenyaa bocuu itti fufna” jechuunis hubachiiseera.

“Adawaan keenya 2ffaa” Laga Abbayyaa irraa ka’e Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, baroota darban kan yaadannu yeroo ammaa kana mo’ichaan gaggeessuun ta’uun isaa ragaa jitaataa ta’uu akkasuma eereera.

Waajjirri Ministira Muummee “Ayyaana Adwaa Ida’amuun ijaarameen yoo gaggeeffamne biyyi keenya waan hin milkeessine hin qabdu” jechuunis, galma tokkoof hiriiruun yoo ida’amuun imalle gahumsi Itoophiyaa tasumaa daangeffamuu kan hin dandeenye ta’uu ibseera.

“Biyya Guddaa turre, kana caalaattis biyya guddaa taana” jechuun Waajjirri Ministira Muummee FDRI Yaadannoo Injifannoo Adawaa waggaa 130ffaaf har’a Guraandhala 23 bara 2018 kabajamaa jiru ilaalchisee ergaa dabarseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply