Goota Kaarraamaarraa Weerara Ziyaad Baarree Gatii Harka Isaa Argachiise – Kumalaa Alii Barkee

You are currently viewing Goota Kaarraamaarraa Weerara Ziyaad Baarree Gatii Harka Isaa Argachiise – Kumalaa Alii Barkee

AMN PLUS – Guraandhala 26/2018

Injifannnoon Kaarraamaarraa goota Itoophiyaan galmaa’e har’a waggoota 48 lakkoofsisee.

Gootota Itoophiyaa seenaa injifannoo Kaarraamaarraa galmeessan keessaa tokko Alii Barkeeti.

Gootni miseensa duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’an Alii Barkee Tuuchoo Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beegii ganda qonnaan bulaa Teenzee jedhamtutti bara 1943 dhalachuu seenaan jireenya isaanii dhugoomeera.

Barnoota isaanii sadarkaa 1ffaa achuma iddoo itti dhalatanitti kan hordofan yoo ta’u, waamicha birmadummaa biyyaaf taasifameen bara 1969’tti leenjii loltummaa buufata Taaxeq jedhamutti fudhatan.

Weerara mootummaa abbaa irree Somaaliyaa Ziyaad Baarree karaa bahaafi kibba bahaan daangaa biyyaa cabse deebisuuf yeroo duulametti nama seenaa olaanaa hojjetan ta’uun Alii Barkee seenaan yaadatamu.

Alii Barkee Tuuchoo waraana Mootummaan Somaaliyaa yeroo sanaa Itoophiyaarratti baneen deeggarsa meeshaalee ammayyaa hedduu qabuun miseensota raayyaa ittisaa Itoophiyaatti marse nama boombii harkaa sadiin karaa bane baase jedhamuun leellifamu.

Yeroo sanatti gootni Alii Barkee waraana Ziyaad Baarree taankiifi meeshaalee ammayyaan deeggaramee lafa Itoophiyaa weeraruuf Konyaa Gursum iddoo addaa Awushariif jedhamutti miseensota raayyaa ittisaatti marsetti boombii sadii qofaan quuqama biyyummaafi tooftaan Taankii shan barbadeessuun waraana Ziyaad Baarree duubatti deebisuun miseensota marfaman miidhaarraa baraaranii turan.

Hojii gootummaa isaanii kanaanis Bulchaa Itoophiyaa yeroo sanaa Kolonee Mangistuu H/Maariyaam irraa Meedaliyaa 1ffaa gootni waraanaa badhaafamu niishaanii fudhachuu seenaan isaanii ni hima.

Kumalaa Aliin ijoollummaatti abbaa isaanii waliin wayita adamoof ba’anitti qawwee dhukaasuufi rasaasa qusachuu barachuu isaanii turtii bara 2012’tti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Muuxannoon duraan gudunfatanis wayita waraana Kaarraamaarraa kan isaan gargaare ta’uu himanii turan.

“Osoo leenjii tokko illee hinfudhanne muuxannoo qabannaa meeshaa waraanaa abbaa irraa kan dhaale Alii Barkee keessattuu gatiin rasaasaa mi’aa waan ta’eef rasaasni tokko akka qisaasa’u hin barbaadnu turre” kan jedhan gootni kun gatiin rasaasa tokkoo birrii 9 yoo ta’u, waggaa guutuu hojjatanii kana argachuun rakkisaa ta’uu turtii isaanii kanaan ibsanii turan.

Bara 1983’tti yeroo mootummaan Dargii kufu, loltoota 300 waliin gara Keeniyaatti imalan turus kan ibsan Aliin sirni mootummaa yeroo sana ture qabeenya isaanii duraa mancaasuufi mana isaanii fudhachuu himaniiru.

Yeroo deebi’anii Keeniyaatii dhufanitti ammoo ijoollee fi haadha warraa isaanii waliin akka wal hin argine, Wayyaaneen maatii isaanii hundumaa jalaa dhoksuu kan himan Kumalaa Alii Barkee, isaaniinis waggaa 9 oliif Mana Hidhaa Qaallittiitti isaan dararuu gadda guddaan yaadachaa turan.

Haadha warraafi ijoollee isaanii waliin akkuma wal hin arginetti boo’aa hafuu yeroo lubbuun turan gootni seenaa dalagan kun kaasaa turan.

Boodarra garuu dubartii biraa waliin gaa’ila dhaabbachuun ijoollee lama godhachuu ibsanii turan.

Gootichi Kaarraamaarraa Alii Barkee umrii isaanii waggaa 72ffaatti Addunyaa kanarraa du’aan kan boqotan baatii Caamsaa keessa bara 2015 ture.

Kumalaa Alii Barkee gootichi biyyaa aarsaa kaffaluun seenaa qaban injifannnoo Kaarraamaarraa Itoophiyaan galmaa’e har’a waggoota 48 lakkoofsisee keessatti ashaaraa gootummaa bara baraan yaadatamu qabu.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply