AMN PLUS-Gurandhala 12,2018
Guyyaan Yaadannoo ‘Yekkaatit 12’ Guyyaa Goototni Itoophiyaa Duraanii, Biliisummaa Itoophiyaanotaaf itti wareegaman, guyyaa addaa ta’uu Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Masfin Jootee himaniiru.
Goototni Itoophiyaa Duraanii ALI bara 1929 garaagarummaa tokko malee sababa Itoophiyaa ta’aniif qofa, Faashistii Itaaliin bakka tokkotti wareegamuun, Itoophiyaanonni waa’ee biyya isaaniif yeroo hundaa tokkummaan dhaabbachuu isaanii mirkaneessas jedhaniru.
Dhaloonni ammaa tokkummaa fi jaalala biyyaa Gootota Itoophiyaa Duraanii irraa barachuun, nageenyaafi tasgabbii biyya isaanii gootummaan eeguu akka qaban Lij Daani’eel Masfin Jootee ergaa dabarsaniiru.
Saganticha irratti, Hoogganaa Itti aanaa Biiroo Aadaafi Aartii magaalaa Finfinnee Dr Addisuu Shaanqoo dabalatee, Miseensonni Gootota Itoophiyaa Duraanii, fi miseensonni Raayyaa Ittisa biyyaafi Poolisii Magaalaa Finfinnee argamaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.