AMN PLUS – Guraandhala 26/2018
Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambiifi Abbaan Taayitaa Eeyyamaafi To’annoo Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee baatiiwwan torban darban ijaarsa seeraan alaa ittisuu, to’achuu, qorachuufi tarkaanfii fudhachuun hojii gaarii hojjechuun ibsameera.
Manni Hojii Abbaa Taayitaa lameenii mata-duree “seera maleessummaa ittisuuf qindoominaan hojjechuu” jedhuun marii gaggeessaniiru.
Maricharratti argamuun ergaa kan dabarsan Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumalaa Zarihuun Tafarraa baatiiwwan torban darban gochoota seeraan alaa xiqqeessuun 83% milkaa’uu ibsuun weerarri lafaa karaa seeraan alaa raawwatamaa ture zeeroo ta’eera jedhan.
Milkaa’inni kunis hojiilee qindoominaa Abbaa Taayitaa Eeyyamaafi Ta’annoo Ijaarsaafi Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalichaa waloon hojjetaniin tahuu ibsaniiru.

Daayreektarri Olaanaantuun Abbaa Taayitaa Eeyymaafi Ta’annoo Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee Injinar Hiwoot Saamu’eel gama isaaniin ijaarsa raawwatamu bifa sadarkaa magaalummaa idil Addunyaa eegeen hojiitti hiikamuu ibsaniiru.
Injinar Hiwoot warreen eeyyama malee hojjatan, kanneen eeyyamni isaanii irra darbee akkasumas ijaarsi isaanii sadarkaa hin eegganne irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa turu ibsaniiru.
Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii, ibsaa daandii irraa, riqichootaafi kanneen biroo irratti miidhaan akka hin geenyee hordofuufi wayita miidhaan irra gahu ammoo qaama miidhaa geessise irratti tarkaanfii fudhachuun hojjetamuunis waltajjicharratti ibsameera.
Beeksisootni garaagaraa daandii irratti akka hin maxxamfamne ittisuufi kanneen seeraan ala maxxanfaman akka kaafamaniif hojii qindoominaan hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uunis waltajjii gamaaggamaa raawwii hojii adeemsifame irratti ka’eera.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase